Wixinee Labsii Qaamolee Raawwachiistuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irra Deebiin Gurmeessuu, Aangoofi Hojii Isaanii Murteessuuf Qophaa’e, Labsii Lakkoofsa _____/2019
Biirichi aangoo fi hojii armaan gadii ni qabaata
Biiroo Karooraafi Misoomaa
Biirichi aangoofi hojii armaan gadii ni qabaata:
- Yaadoota imaammaaafi tarsiimowwan mootummaa Naannichaa ni maddisiisa; wixinee isaanii ni qopheessa; qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessa; yommuu mirkanaa’u akka hojiirra ooluf manneen hojii dhimmi ilaallatuuf ni dabarsa; raawwii isaa ni madaala;
- Sirna hordoffiifi gamaaggama karooraa misooma Naannichaa ni diriirsa; qaamolee dhimmi ilaalu qindeessuun hojiirra akka oolu ni taasisa; hojiirra oolmaa isaa ni hordofa;
- Tarsiimoowwan misooma Mootummaa Naannichaa irratti hundaa’uun karoora yeroo dheeraa, giddugaleessaafi yeroo gabaabaa Mootummaa Naannichaatiin raawwatamu ni qopheessa; qaama aangoo qabuun yommuu mirkanaa’u hojiirra ooluu isaa ni hordofa; ni to’ata;
- Manii yeroo dheeraafi Giddugaleessaa irratti hundaa’un manii karoora waggaa ni murteessa; dhimmicha irratti manneen hojii waliin waliigaltee ni uuma; karoorri waggaa qophaa’u karoora tarsiimowaa Naannichaa waliin kan walsimu ta’uu ni mirkaneessa; bakka hanqinni jirutti tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa;
- Hammata fiisikaalaa Naannichaa yeroo yeroon ni qopheessa; qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessa; raawwii isaa ni hordofa;
- Haala qabatamaa imaammata fiisikaala Naannichaa irratti qaamolee dhimmi ilaalu waliin qorannoo ni gaggeessa; Mana Maree Bulchiinsaa Mootummaa Naannichaatiif ni dhiyeessa; yommuu hayyamamu hojiirra ni oolcha; hojiirra akka oolu ni taasisa;
- Bu’a qabeessummaafi qulqullina raawwii imaammata diinagdeefi karoora misooma yeroo dheeraafi giddugalleessaa Naannichaa ni hordofa; ni gamaaggama; raawwii isaa Mana Maree Bulchiinsaa Mootummaa Naannichaatiif yeroo yeroon ni dhiyeessa; akka mirkanaa’u ni taasisa; yommu mirkanaa’uu hojiirra ni oolcha; akka hojiirra oolu ni taasisa;
- Hammata diinagdee gooroo Naannichaa ni qopheessa;
- Akkaawuntii diinagdee sadarkaa guddina diinagdee Naannichaa agarsiisu ni qopheessa; Mana Maree Bulchiinsaa Mootummaa Naannichaatiif ni dhiyeessa; akka mirkanaa’u ni taasisa;
- Sirni hordoffiifi gamaaggamaa manneen hojii Mootummaa Naannichaa biratti beekamee hojiirra akka oolu hubannoo ni uuma; sirnicha madaqsuufi raawwachiisuun walqabatee tooftaa dandeettiin manneen hojii mootummaa Naannichaa itti cimu ni diriirsa; hojiirra ni oolcha;
- Sirna hordoffiifi gabaasa raawwii karoora hojiiwwan idileefi piroojektota misoomaa Mootummaa Naannichaan gaggeeffaman qaama aangoo qabu waliin ta’uun ni diriirsa; qaamolee dhimmi ilaallatu qindeessuun ni hordofa; ni madaala; manneen hojii mootummaa irraa gabaasa raawwii karooraa fudhachuun ni qindeessa; duub-deebii ni kenna; waltajjiiwwan gamaaggamaa sadarkaa adda addaatti ni qindeessa; bu’aafi kallattiiwwan gamaaggama irratti kennaman qindeessee qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessa; raawwii isa ni hordofa;
- Sirna piroojektoonni kaappitaalaa itti qoratamanii dhiyaatan qaama aangoo qabu waliin ni diriirsa; piroojektoota manneen hojii mootummaa irraa dhiyyatan ulaagaalee ifa ta’an irratti hunda’uun ni xiinxala; yaada foyya’iinsaa ni kenna; baajatni akka ramadamuuf Biiroo Maallaqaatiif ni dabarsa; sagantaaleefi piroojektoota guddina dinagdee Naannichaa keessatti faayidaa olaanaa qabaniifi seektarootan qophaa’uu hin dandeenye ni qorata; yommuu hayyamamu hojiirra akka akka oolu ni taasisa;
- Sagantaaleen imaammata dhimma uummataa irratti hundaa’uudhaan bahan akka hojiirra oolan ni qindeessa; karooraafi raawwii isaanii ni hordofa; ni madaala;
- Karoora misooma Naannichaa kan yeroo dheeraa, giddugaleessaafi gabaabaa qopheessuuf kan gargaaran qo’annoofi qorannoo diinagdee ni gaggeessa; safartuuleefi ulaagaalee waliigalaa dhimma diinagdeefi hawwaasummaa ni qopheessa; yommuu mirkanaa’u hojiirra ni oolcha; hojiirra akka oolu ni taasisa;
- Akkaataa qophiifi dhiyeessa karooraafi pirojektootaa irratti manneen hojii mootummaa Naannichaatiif deeggarsa teeknikaa ni kenna; dandeettii raawwachiisummaa isaanii ni cimsa; hojiirra oolmaa isaa ni hordofa;
- Hojiiwwan agro-ikoloojii Naannichaa adda addaa irratti xiyyeeffatamanii gaggeeffaman ni qindeessa; hojiirra oolmaa isaanii ni hordofa; karoora misoomaa qopheessuudhaaf kan gargaaru ispeshaalaayizeeshinii oomishaatiifi haalota dandeettii misoomummaa addaa Naannichaa irratti qo’annoo ni gaggeessa; qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjeta;
- Akkaataa imaammata mootummaatiin hirmaannaa kutaa diinagdee dhuunfaatiin hojiiwwan gaggeeffaman irratti bu’aafi jijjiirama gama kanaan mul’atan irratti qorannoo ni gaggeessa; mootummaaf ni dhiyeessa;
- Haala qabatamaa hawaas-diinagdee Naannichaa irratti qaamolee dhimmi ilaalu waliin qorannoo ni gaggeessa;
- Sirna uummanni qophii karooraa, hojiirra oolmaafi hordoffiifi gamaaggama hojii misoomaa keessatti shirmaachuu itti danda’u ni diriirsa; raawwii isaa ni hordofa; hojii misoomaa hirmaannaa uummataatiin gaggeeffaman irratti ragaa ni sassaaba; ni madaala;
- Hojiiwwan qo’annoo qiyyaasa, kaartaafi ji’ogiraafii guddinaafi ittifufiinsa misooma Naannichaaf gargaaran ni gageessa; akka gaggeeffamu ni taasisa;
21) Raawwii misoomaafi imaammaata dhimma uummataa irratti sochiiwwan manneen hojii mootummaafi miti-mootummaa taasisan ni qindeessa; qindoominaan ni hojjeta