Gahee Hojii Daarektoreetii Qo’annoo Pirofaayilii Hawaas-Dinagdee fi ’GIS’
- Karoora hojii daarektoreetichaa ni qopheessa, yeroo mirkana’uu hojiirra ni oolchaa,gabaasa isaas yeroo yerootti qopheessuun qaama ilaallatuuf ni dabarsa;
- Ragaalee qophii pirofaayilii hawaas-dinagdee qopheessuuf barbaachisan ni sassaaba;
- Dokumantoota Pirofaayilii hawaas-dinagdee fi qabeenya uumamaa gandootaa, aanaalee, godinaalee, bulchiinsa magaalotaa fi naannoo ni qopheessa,ni maxxansa,ni raabsa;
- Hojii Kaartoolee (Maps) adda addaa qopheessuu, maxxansiisuu fi raabsuu ni hojjeta;
- Hojiiwwan qo’annoo qiyyaasa kaartaa fi ji’ogiraafii fiizikaalaa guddina misooma naannichaaf gargaaran ni gaggeessa; akka gaggeeffamu ni taasisa;
- Ragaalee bu’uuraalee misoomaa ilaalchisee facaatii faasilitiiwwanii ’GPS’ fayyadamuun sassaabuun galtee hojii karooraa akka ta’an ni hojjeta;
- Dandeetti raawachiisummaa aanaalee, godinaalee, bulchiinsa magaalotaa fi sekteroota naannoo cimsuuf leenjii qo’annoo pirofaayilii hawaas –dinagdee, ji’ogiraafii fiizikaalaa fi ’GIS’, ni kenna;
- Ragaa ’GIS’ (GIS data) aanaa, bulchiinsa magaalaa, godinaa fi naannoo sektera sekteraan ni qopheessa;
- Jii’ografii fiizikaalaa godinaalee fi naannoo ni qophessa, ni maxxansa, ni raabsa;
- Atilaasiiwwan adda addaa ni qopheessa,ni maxxansa,ni raabsa
- Hojiilee dabalataa Qo’annoo pirofaayilii hawaas-dinagdee fi jii’oogiraafii fiizkaalaa akkasumas ’GIS’, waliin wal qabatan hundumaa ni raawwata.