Nuu Qunnamaa      +0115225943/0115225644     info@oromiaplan.gov.et                 

  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
    Muxannoo hojii Wal Jijjiraa Komishinii Karoorafi Misooma oromiyaa fi
    Biiroo Karoora fi Misooma Naannoo Tigray
  • Slide Background Image

Wixinee Labsii Qaamolee Raawwachiistuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irra Deebiin Gurmeessuu, Aangoofi Hojii Isaanii Murteessuuf Qophaa’e, Labsii Lakkoofsa _____/2019

Biirichi aangoo fi hojii armaan gadii ni qabaata

Biiroo Karooraafi Misoomaa

Biirichi aangoofi hojii armaan gadii ni qabaata:

  1. Yaadoota imaammaaafi tarsiimowwan mootummaa Naannichaa ni maddisiisa; wixinee isaanii ni qopheessa; qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessa; yommuu mirkanaa’u akka hojiirra ooluf manneen hojii dhimmi ilaallatuuf ni dabarsa; raawwii isaa ni madaala;
  2. Sirna hordoffiifi gamaaggama karooraa misooma Naannichaa ni diriirsa; qaamolee dhimmi ilaalu qindeessuun hojiirra akka oolu ni taasisa; hojiirra oolmaa isaa ni hordofa;
  3. Tarsiimoowwan misooma Mootummaa Naannichaa irratti hundaa’uun karoora yeroo dheeraa, giddugaleessaafi yeroo gabaabaa Mootummaa Naannichaatiin raawwatamu ni qopheessa; qaama aangoo qabuun yommuu mirkanaa’u hojiirra ooluu isaa ni hordofa; ni to’ata;
  4. Manii yeroo dheeraafi Giddugaleessaa irratti hundaa’un manii karoora waggaa ni murteessa; dhimmicha irratti manneen hojii waliin waliigaltee ni uuma; karoorri waggaa qophaa’u karoora tarsiimowaa Naannichaa waliin kan walsimu ta’uu ni mirkaneessa; bakka hanqinni jirutti tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa;
  5. Hammata fiisikaalaa Naannichaa yeroo yeroon ni qopheessa; qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessa; raawwii isaa ni hordofa;
  6. Haala qabatamaa imaammata fiisikaala Naannichaa irratti qaamolee dhimmi ilaalu waliin qorannoo ni gaggeessa; Mana Maree Bulchiinsaa Mootummaa Naannichaatiif ni dhiyeessa; yommuu hayyamamu hojiirra ni oolcha; hojiirra akka oolu ni taasisa;
  7. Bu’a qabeessummaafi qulqullina raawwii imaammata diinagdeefi karoora misooma yeroo dheeraafi giddugalleessaa Naannichaa ni hordofa; ni gamaaggama; raawwii isaa Mana Maree Bulchiinsaa Mootummaa Naannichaatiif yeroo yeroon ni dhiyeessa; akka mirkanaa’u ni taasisa; yommu mirkanaa’uu hojiirra ni oolcha; akka hojiirra oolu ni taasisa;
  8. Hammata diinagdee gooroo Naannichaa ni qopheessa;
  9. Akkaawuntii diinagdee sadarkaa guddina diinagdee Naannichaa agarsiisu ni qopheessa; Mana Maree Bulchiinsaa Mootummaa Naannichaatiif ni dhiyeessa; akka mirkanaa’u ni taasisa;
  10. Sirni hordoffiifi gamaaggamaa manneen hojii Mootummaa Naannichaa biratti beekamee hojiirra akka oolu hubannoo ni uuma; sirnicha madaqsuufi raawwachiisuun walqabatee tooftaa dandeettiin manneen hojii mootummaa Naannichaa itti cimu ni diriirsa; hojiirra ni oolcha;
  11. Sirna hordoffiifi gabaasa raawwii karoora hojiiwwan idileefi piroojektota misoomaa Mootummaa Naannichaan gaggeeffaman qaama aangoo qabu waliin ta’uun ni diriirsa; qaamolee dhimmi ilaallatu qindeessuun ni hordofa; ni madaala; manneen hojii mootummaa irraa gabaasa raawwii karooraa fudhachuun ni qindeessa; duub-deebii ni kenna; waltajjiiwwan gamaaggamaa sadarkaa adda addaatti ni qindeessa; bu’aafi kallattiiwwan gamaaggama irratti kennaman qindeessee qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessa; raawwii isa ni hordofa;
  12. Sirna piroojektoonni kaappitaalaa itti qoratamanii dhiyaatan qaama aangoo qabu waliin ni diriirsa; piroojektoota manneen hojii mootummaa irraa dhiyyatan ulaagaalee ifa ta’an irratti hunda’uun ni xiinxala; yaada foyya’iinsaa ni kenna; baajatni akka ramadamuuf Biiroo Maallaqaatiif ni dabarsa; sagantaaleefi piroojektoota guddina dinagdee Naannichaa keessatti faayidaa olaanaa qabaniifi seektarootan qophaa’uu hin dandeenye ni qorata; yommuu hayyamamu hojiirra akka akka oolu ni taasisa;
  13. Sagantaaleen imaammata dhimma uummataa irratti hundaa’uudhaan bahan akka hojiirra oolan ni qindeessa; karooraafi raawwii isaanii ni hordofa; ni madaala;
  14. Karoora misooma Naannichaa kan yeroo dheeraa, giddugaleessaafi gabaabaa qopheessuuf kan gargaaran qo’annoofi qorannoo diinagdee ni gaggeessa; safartuuleefi ulaagaalee waliigalaa dhimma diinagdeefi hawwaasummaa ni qopheessa; yommuu mirkanaa’u hojiirra ni oolcha; hojiirra akka oolu ni taasisa;
  15. Akkaataa qophiifi dhiyeessa karooraafi pirojektootaa irratti manneen hojii mootummaa Naannichaatiif deeggarsa teeknikaa ni kenna; dandeettii raawwachiisummaa isaanii ni cimsa; hojiirra oolmaa isaa ni hordofa;
  16. Hojiiwwan agro-ikoloojii Naannichaa adda addaa irratti xiyyeeffatamanii gaggeeffaman ni qindeessa; hojiirra oolmaa isaanii ni hordofa; karoora misoomaa qopheessuudhaaf kan gargaaru ispeshaalaayizeeshinii oomishaatiifi haalota dandeettii misoomummaa addaa Naannichaa irratti qo’annoo ni gaggeessa; qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjeta;
  17. Akkaataa imaammata mootummaatiin hirmaannaa kutaa diinagdee dhuunfaatiin hojiiwwan gaggeeffaman irratti bu’aafi jijjiirama gama kanaan mul’atan irratti qorannoo ni gaggeessa; mootummaaf ni dhiyeessa;
  18. Haala qabatamaa hawaas-diinagdee Naannichaa irratti qaamolee dhimmi ilaalu waliin qorannoo ni gaggeessa;
  19. Sirna uummanni qophii karooraa, hojiirra oolmaafi hordoffiifi gamaaggama hojii misoomaa keessatti shirmaachuu itti danda’u ni diriirsa; raawwii isaa ni hordofa; hojii misoomaa hirmaannaa uummataatiin gaggeeffaman irratti ragaa ni sassaaba; ni madaala;
  20. Hojiiwwan qo’annoo qiyyaasa, kaartaafi ji’ogiraafii guddinaafi ittifufiinsa misooma Naannichaaf gargaaran ni gageessa; akka gaggeeffamu ni taasisa;

21) Raawwii misoomaafi imaammaata dhimma uummataa irratti sochiiwwan manneen hojii mootummaafi miti-mootummaa taasisan ni qindeessa; qindoominaan ni hojjeta